Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Sudaan Erga Mormiin Farra Mootummaa Ka’ee Booda Addaan Cite


Mariin gumii hooggana waraanaa Sudaanii fi mormitoota gidduutti jalqabe kan aangoo qooddannaa irratti fuuleffateerga hiirtota mormii keessaa ja’a ajjeefamanii booda yeroo biraatti darbee jira.

Gumiin hooggana waraanaa kan yeroo ce’umsaa Sudaan fi gareeleen mormitootaa erga kutaa Kordofaan kaabaa keessatti hookkarri ka’ee barattoota dabalatee hiriirtonni mormii ja’a ajjeefamanii booda marii isaanii rarraasanii jiru.

Mariin sun kan dhaabate gaaffii mormitootaan ture. Mormitoonni kun hookkara hiriirtota mormii kanneen gumii hooggana waraanaa Sudaan morman irratti ka’e balaaleffatan.

Hoogganaan mormitootaa Kamaal Karaar akka jedhanitti hookkara Obbayeed bakka barattoonni itti ajjeefamanitti ka’een booda mormitooni marii sana dhaabuun isaanii tarkaanfii dhuma eegamaa ture. Mormitoonni mariin sun yeroo hin murtaa’iniif akka turu barbaadu jedhan.

Gumiin hooggana waraanaa sudaan akka jedhetti ajjeechaa hiriirtota sanaaf loltoonni waraanaa itti hin gaafatamani. Bakka isaa milishoodta kanneen qaama mootummaa duraanii kanneen jeeqamaa fi tasgabbii dhabamsiisuu yaalan balaaleffatan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:24 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG