Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Marii Dhimma Daldalaa Chaayinaa Waliin Geggeessite


Mariin dhimma daldalaa US fi chaayinaa waliin geggeessame har’a Shaangaay keessatti ennaa xumuramu baatii Fulbaanaa US keessatti wal arguuf walii galteen irra ga’amee jira.

Ibsi White House biraa ba’e akka jedhutti mariin sun ijaaraa dha. Dhimootii teknooloojii, danqaa taarifaa, qonnaa mata dureeleen jedhan kanneen irratti mari’atame keessaa ti.

Gama Chaayinaatiinis bittaa oomisha qonnaa Amerikaa dabaluuf cichaan akka hojjettu beeksiste jedha ibsi White House kun.

Dhaabbati oduu Chaayinaa Shinuwaan akka gabaasetti mariin sun wal amantaa irratti kan hundaa’e, akkaan milkaa’aa fi ijaaraa dha.

Bakka buutonni US fi Chaayinaa kaleessa sa’aatilee afuriif erga geggeessanii booda jiloonni US har’a gara buufata xayyaaraatti qajeelaniiru. Prezidaant Doonaald Traamp utuu jiloonni Shaangaayiin hin ga’in dura filannoo Ameerikaa bara 2020 booda walii galtee irra ga’amu ilaalchisee Chaayinaa akeekkachiisanii, boodatti harikfata yoo ta’e yeroo dhiyoo keessatti furamuu hin danda’u jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG