Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaan Kaabaa Yaalii Misaayilaa Itti Dabalaa Geggeessite


Kooriyaan kaabaa har’a ganama misaayila dhiyeenya irraa furguggifamu lama dhukaasuu ishee waraanni Kooriyaa Kibbaa beeksisee jira. Piyoongyaang torban tokko yeroo hin guunne keessatti yeroo lama yaalii misaayilaa kana geggeessuun marii dhimma nukleraa danquu mala jedhameera.

Misaayelli kun magaala boofata doonii Wosaan gama bahaa irraa yoo ta’u hanga km 250 erga furguggifamee booda dheerina km 30 ol fagaatee dhuka’uu isaa hoogganaan waraana kooriyaa kaabaa beeksisaniiru.

Yaaliin dhukaasa misaayilaa kun kan dhaga’ame yaalii isa duraa guyyaa ja’a booda yoo ta’u kunisa kooriyaan kaabaa kooriyaan kibbaa meeshaa waraanaa US bituuf murteessuu ishee fi Ameerikaa waliin shaakala waraanaa geggeessitee fi deebii kennuuf jecha jettee jirti.

Ministriin ittisaa Kooriyaa kibbaa akka jedhetti misaayilli har’a fuguggifame kan torban darbe dhukaafame waliin wal fakkaata, lamaanuu fageenya gad aanaa wal fakkaatu irra waan qubataniif jechuun dhaabbati oduu Yoonaap beeksise jidra. Gumiin naga eegumsa biyyoolessaa Kooriyaa kibbaa wal ga’ii hatattamaa har’a waameen yaaddoo cimaa qabaachuu isaa beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG