Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Buufata Baqataa Keessatti Hojjetanii Ofiin Of Bulchuu’ – Baqattoota Oromoo Dadaab Jiraatan


Maatiin Oromoo tokko ka Dadaab jiraatan, jiruun buufata baqataa maal akka fakkaatu fi waan kaan Odu Gabaasaa VOA, Naayroobii Galmoo Daawitiif hiranii jiru

Buufati baqataa Dadaab Keeniyaa Kaaba Bahaa Naayroobiirraa fageenya Kiilo Meetira 475 irratti argama. Buufata baqataa Jaarmayaa mootummootaatti dhaabbata baqataa UNHCR fi mootummaa keeniyaan bulu kana keessa nama kuma dhibba lamaa oltu jiru; isaan keessaa lammileen Oromoo maatii 150 ol tahu jedha gabaasi UNHCR.

Obbo Ibraahim Mohaammed Hasan dhalataa Oromooti. Isaanis abbaa ijoollee torbaa yoo tahu haadha warraa isaa Nasraa Mohaammednuur waliin Dadaab Ifoo bakka jedhamu jiraatu.

‘Buufata Baqataa Keessatti Hojjetanii Ofiin Of Bulchuu’ – Baqattoota Oromoo Dadaab Jiraatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:08 0:00

Obbo Ibraahim erga biyya dhalootasaanii Galamsoo bahanii harra ganna 14 guuteera.

Yoo haala jalqaba Dadaab gahu yaadatan Ibrahim jalqaba rifeensa namaa muruun galiin argataniin ijoolleesaanii akka bulfataa turan dubbatu. Sana boodas dukkaana xiqqaa fi mana nyaata itti gurguran banachuun amma jiruu injifachuuf tattaafatu.

Jaarmayaan mootummootaa karaa dhaabbilee gargaarsaa baqattootaaf tumsa gargaasaa dhiyeessus baqattoonni gargaarsi taasifamu baayyee xiqqaadhaa jechuun himatu. Kanaafis baqattoonni jiruu karaa hedduun daangeffame jiruu baqattummaa moo’uuf haga dandeenye carraaqna jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:32 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG