Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pooliisin Keeniyaa Iyeeyyii Naayirobii Irratti Ajjeechaa Seeraan Alaa Geggeessa Jira Jedhame


Gareen mirga namoomaa ka sadarkaa Addunyaa, Hiyuumaan Raayitis Waach, humnoonni poolisii Keeniyaa, gandeen Naayiroobii iyyeeyyiin jiraatan keessatti ajjeechaa seeraa alaa geggeessaniin, bara dabre ijoollee fi gaheessota kurna lamaa ol fixan, jechuun balaaleffatee jira. Jalqaba baatii Addoolessaa irra gabaasaa baaseen, maqaa namoota ajjeesamaniii haga tokko galmeessee akka qabu beeksisee, garuu ajjeechaan naannoo sanatti, “namoota seera ala qubatan” jedhamee geggeessame kan inni galmeesse caalaa akka tahe dubbatee jira. Fediisaa Wambuuruu, baatii Guraandhala dabree, guyyaa Jimaataa tokko du’a ajjeefamuu ilma ishee akkamitti akka dhageesse ennaa ibsitu,

“Gnama lafaa gara sa’aatii gara sa’aatii lamaa, ilmi koo inni quxxusuun mana dhufee, “ati as taa’aa jirta. Obbolessi koo ajjeesamee jira,” naan jedhe jetti.

Yeroo buufata poolisii geessee gaafattu, ilmi ishee bilbila mobaayilii nama irraa butee fudhachuu isaatiif akka ajjeefame itti himuu isaanii dubbatti. Garuu, mucaan yakka akkasii hin hojjetu – jetti. Booda, bakka reeffii kayame ennaa deemtee mucaa ishee ilaaltu, qaamni isaa bakka baay’ee rasaasaan tumamee madaa’uu ibsite.

Ajjeechaa ilma ishee irratti raaw’atame kanaaf, murtii haqaa argachuuf carraaqqiin goote haga ammaatti goote akka bu’aa hin qabaatiin illee dubbattee jirti.

Gabaasaa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:28 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG