Gumiin hooggana warana yeroo ce’umsaa Sudaanii fi hoogganoonni mormitootaa walii galtee aangoo qooddanaa irratti walii galan.
Walii galteen kun kan irra ga’ame mormii baatilee hedduuf geggeesssamee fi jalqaba baatii Muddee keessa gatiin boba’aa ol ka’uu isaan jalqabee booda irra prezidaant Omar al-bashiriin aangoo irraa erga darbeen booda.
Waraanni Sudaan baatii Ebla keessa ture al-bashiriin humnaan aangoo irraa kan darbe. Mormitoonni garuu bulchiisa abbaa irree al-Bashir kan waggoota 30 booda dimokraasiin bakka akka qabatu waamicha gaafachuu itti fufan. Itti aanaa hoogganaan gumii hooggana waraanaa yeroo ce’umsaa Sudaan Mohamed Hamdan Dagalo akkas jedhu.
Marii kana akka michoota murtii haqa biyyoolessa keessaatti itti seenne. Marii kana akka garee tokkootti keessaa baana. Yaaddoon keenya kan guutuu Sudaan. Erga fedhiin biyyaalessaa injifatee ti kan nuti as bane. Kan injifate ykn injifatame hin jiru, sababiin isaas dantaan biyyattii walii galtee kana maraan ol waan ta’eef jedhan.