Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Boombii Afgaanistaan Keessaa Lubbuu Galaafate


Yunaayitid Isteetis fi tokkummaan mootummootaa balaa boombii lubbuu galaafate kan minibaasii ogeessota miidiyaa baatee deemaa ture kan Afgaanistan keessaa balaaleffatnii jiran.

Angawoonni Afgaanistan akka jedhanitti boombiin konkolaataa sana keessa kaa’ame ennaa dho’e atoobisiin sun hojjettoota buufta Televiiziyoona dhuunfaa Kohrshiid kan kaabul keessaa baatee deemaa ture.

Dho’iinsa sanaan namoonni daandii irra deemaa turan lama yoo du’an hojjettoonni buufata Televiiziyoona sanaa sadii madaa’anii jiru.

Afgaanistaanitti ambaasaadderri US John Baas ergaa tweeterii har’a maxxansaniin haleellaa hiikaa hin qabne kan ogeessota miidiyaa irra ga’e balaaleffataniiru. Gareeleen martinuu nagaa fi hegeree Afgaanistan irratti fuuleffachuu qabu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG