Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezdaant Traamp Haleellaalee Gidduu Kanaa Balaaleffatan


Halellaalee gidduu kana as Yunaayitid Isteetis keessatti lubbuu hedduu galaafatee fi kaan madeesse ilaalchisuun, gochaa garee leellistoota ol’aantummaa adii kan ifatti balaaleffatan – Przidaant Traamp, seera ijoo ka to’annaa meeshaalee waraanaa deggeruu dhabuun, falmitoota akka tarkaanfiin to’annaa meeshaa waraanaa fudhatamu qabsaawan mufachiisee jira.

Dhukaasni bakkawwan namni itti heddummaate lamatti – jechuun magaalaa El Paasoo, ka kutaa Teksaasii fi magaalaa Deeyiten, ka kutaa Ohaaytti addan fageenya sa’atiilee 13n namoota qawwee hidhataniin dhukaasni banamee, yoo xiqqaate namoota 30 galaafatee booda, har’a ganama Waayit Haawus irraa ibsa kana kennan – Prezidaant Traamp.

“Biyyi keenya, sagalee tokkoon, loogii sanyii, ilaalcha llogdummaa fi ol’aantummaa sanyii adii balaaleffachuu qabdi. “ jechuun balaaleffatan – prezidaant Traamp. Dargaggeessi adii kaleessa barii jala, mana gabaa “Walmart”, ka kutaa Teksaas, magaalaa El Paasoo keessatti dhukaasa banee yoo xiqqaate 20 galaafate, wanna jedhee ture ilaalchisuunis, “idiyooloojiin yokaan ilaachi addunyaa hamaan akkanaa injifatamuu qaba. Ameerikaa keessatti, jibbinsi iddoo hin qabaatu,” jechuun balaaleffatan – prezidaantichi.

“Jibbinsi sammuu gara hammeenyaatti micciira. Onnee miidha. Lubbuu nyaata,” jedhan.

Prezidaant Traamp, gara xumura torban kanaa irra, magaalaalee ajjeechaan gidduu kanaa itti geggeessame lameen, jechuun, Elpaasoo, kan Teksaas keessaa fi Deeyiten kan Ohaahiyoo keessaa daawwachuuf karoorfatanii jiran.

Silaa har’a ka gara kutaa Filooridaatti imaluuf turanis hambisanii jiran.

Haasawa Har’a ganbama dhageessisaniin, waa’ee dhibee sammuu, waa’ee hookkarawan miidiyaalee fi geemii viidiyoo irratti dhihaatan tuquudhaan, “balaa interneetii fi miidiyaa hawaasaa” jedhanii jiran.

Haleellaalee uummata walitti qabame irratti geggeessaman, kanneen bara kana keessa qofa gara lubbuu namoota 250 galaafatan, haleellaa hawaasa keenyaa fi biyya keenya irratti geggeessaman, yakka namummaa irratti geggeessame – jechuun balaaleffatan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG