Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koriyaan Kaabaa Har’a Yaaliif Misaa’eela Furguggistee Jirti


Koriyaan kaabaa Kibxata har’a bariidhaan misaa’eela Baalistiik kan fageenya gabaabaa galaana irratti gaggeessitee jirti.Kunis shaakala waraanaa Amerikaa fi Koriyaan kibbaa torban kana jalqabaniif deebii kennuuf karaa haaraa jiru ta’u isaa akeekkachiisa jetti Koriyaan Kaabaab.

Koriyaan Kaabaa misaa’eela fageenya gabaabaa lama kan furguggiste kutaa gama kibba keessaa ta’u ajajaan humnootii waraanaa kan Koriyaa Kibbaa ibsa baasaniin hubachiisan.

Misaa’eelli fuguggifamees fageenya kilo meetra 450 kan dhaqqabe yoo ta’u lafa irraa ol fageenyii isaa kiloo meetra 37 ta’u itti dabalanii ibsan.

Koriyaan kaabaa yeroo torban lama hin gunnee keessatti yaalii dhukaasa misaa’eela fageenya gabaabaa marsaa 4 kan gaggeesiite yoo ta’u kunis aangawoonni Amerikaa marii waa’ee nukleeraa baatii darbee jalqabama jechuun abdataa turan irratti sodaa uumee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG