Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Kan Jette Hojii Irra Olchinaan Haaloo Ba’iinsii Hin Oolu Jetti Chaayinaan


Gabaa Chaayinaa
Gabaa Chaayinaa

Yunaaytid Isteets misaa’eela fageenya gidduu galeessaa kan lafa irraa furguggifamu kutaa Eshiyaa Paasifiik keessa qubsiifnaan tarkaanfii haaloo ba’iinsaa kan fudhattu ta’u chaayinaan beeksiiftee jirti.

Ministeera haajaa alaa chaayinaa keessatti Daayreekteera kutaa to’annaa meeshaa waraanaa ka ta’an Fu Kong oduu gabaastotaaf Beejing keessatti har’a akka ibsanti WaashingtAn dhuma torban darbee gama aangawaa ministrii ittiisa isheen akka jette sana amma haa ta’u booda misaa’eela kutaa sana keessa qubsisuun callinsaan kan ilaalamuu miti jedhan.

Biyyonni ollaa Chaayinaa keessumaa Jaapaan, Koriyaa Kibbaa fi Awustraliyaan yaadi kun abba eenyummaa biyyaa tuquu waan ta’eef akka fudhatama dhabsiisaniif Chaayinaan gaafatte.

Chaaynaan tarkaanfii haaloo ba’iinsaa fudhattu maal akka ta’e kan hin ibsinee yoo ta’u carraan hundumtuu banaa dha jette.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG