Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Tika Nagaa Biyyoolessaa Itoophiyaa Kan Turan Dr. Biniyaam Wabiin Akka Gadhiifaman Manni Murtii Federaalaa Eyyame


Mani murtii federaala Itiyoophiyaa itti aanaa hoogganaa tika nagaa biyyoolessaa kan turan Dr. Biniyaam Teweldee wabii dhaan akka gad dhiisaman eeyamee jira. Murtiin isaa garuu guyyoota kudhan booda ta’uun beekameera.

Abbaan alangaa himannaa malaammaltummaa kan irratti dhiyeesse itti aanaa hoogganaan dhaaba tika nagaa biyyoolessaa duraanii Dr. Biniyaam Teweldee mirgi wabii isaanii eeyamameefii jira.

wabii qarshii kuma 30n dhimma isaanii ala taa’anii akka hordofan manni murtii Federaalaa eeyamus abbaan alangaa himatamaan dhimma himannaan irratti dhiyaateen yoo itti murtaa’e idhaa waggoota kudhaniin adabamuu waan danda’aniif mirgi wabii eeyamamuu hin qabu jechuun mormee jira.

Abbaan alangaas murtii sana irratti ol iyyannoo dhiyeessee koppii murtii sanaa mana murtii biraa argachuu fi ol iyyannoo dhiyeeffachuuf guyyoonni kudhan kennameefii jira.

Akkuma kanaan manni murtii himatamaa dhaaf mirgi wabii isaanii akka eegamu eeyamus, Dr. Biniyaam Teweldee guyyoota 10 mana hidhaa akka turan beekameera.

Abbaan alangaa baatilee hanga tokko dura himannaa malaammaltummaa hamaa dhaan himannaa kan irratti dhiyeesse keessaa ti.

please wait

No media source currently available

0:00 0:01:11 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG