Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoota Galaana Irratti Rakkatan Kan Ilaaleen Xaaliyaaniin seera Haaraa Raggaasiifte


(Suuraa faaylii)
(Suuraa faaylii)

Galaana Mediteraaniyaan irratti bidiruuwwanii fi namoota hojii koolu galtoota baraarsuu irratti bobba’an irratti paarlaamaan Xaaliyaanii Adaba Cimaa raggaasisee jira.

Tarkaanfiin kun immo dhaaba baqattotaa kan Tokkummaa Mootummootaa ykn UNHCR biratti yaaddoo guddaa uumee jira.

Paarlaamaan Xaaliyaanii seera jiru jijjiiruun dhaabbatonni gargaarsaa kan dhunfaa godaantoota ykn baqattoota galaana giddutti rakkoon isaan mudate akka hin baraarsineef murteesse.

Akka seera haaraa ba’eetti bidiruun dhunfaa bishaan Xaaliyaanii seenuun hojii baraarsaa goote Dolaara miliyoona 1.1 kan adabamtu yoo ta’u Donileen baraarsaaf ba’an battalumatti to’annaa jala oolu.

Seerri haaraan yaaddoo guddaa uumuu isaa dhaabnii baqattotaa beeksisee jira.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Baqattoota Galaana Irratti Rakkatan Kan Ilaaleen Xaaliyaaniin seera Haaraa Raggaasiifte
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:31 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG