WAASHINGITAN, DIISII —
Jiraattonni magaalaa Hawaasaa nageeya isaanii eeguu fi akkasumas yakkamtoota ajaja waraana naannoo isaanii eegaa jirutti dabarsanii kennuun walii galtee kan agarsiisan ta’uu ibsan.
Ajaji waraanaa magaalaa Hawaasa keesssa sirna dhabulummaa hamaan jiraachuu isaa ibsee, ol aantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetaa jiraachuu har’a qaama hawaasa keessaa filataman waliin magaalaa Hawaasaatti marii geggeesseen beeksiseera.
Uummati Sidaamaas magaalaa Hawaasaa fi zoonicha keessatti Adoolessa 11 bara 2011 jalqabee jeeqamni uumami miidhaan dhaqqabsiise ijoolleen isaanii waan raawwataniif itti gaafatama fudhachuu dhaan dhiifama gaafachuun akka irra jiraatu jiaraattonni dubbataniiru.