Magaalaa galma mootummaa Afgaanistan Kaabul keessatti boombiin konkolaataa irraa buufata poolisii cinatti dho’e yoo xiqqaate namoota 14 yoo galaafatu biilsa naannoo sana jiru irraan miidhaa hamaa geessisee jira.
Itti aanaa ministriin dhimma biyya keessaa Kooshaal Sadaat tuuta oduuf ibsa kennaniin dho’iinsa ssanaan siivilota dabalatee namoonni 145 miidhaan irra ga’ee jira.
Haleellaa sanaaf Talibaantu itti gaafatama fudhate. Haleellaan lubbuu galaafate kun kan dhaga’am Talibaan lammiiwwan Afgaanistan filannoo prezidaantummaa dhufaa jirutti akka hin hirmaanne akeekkachiisa kennee guyya tokko booda ture.
Dubbi himaan ministrii dhimma biyyaa Nasraat Rahimii akka jedhanitti namni haleellaa boombii sana raawwate konkolaataa isaa dhuka’aa dhaan guutame ennaa humnoonni naga eegumsaa keellaa buufata poolisii alatti isa dhaabsianitti boomii sana dhoose.
Suraaleen TV Afgaanistan biilsaalee hedduun guutummaan manca’uu isaani mul’ise.