Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hariiroon Hindii fi Paakistaan Gidduu Laaffataa Jira


Buufata Xiyyaaraa Paakistan naannoo daangaa HIndiitti dhihoo jiru
Buufata Xiyyaaraa Paakistan naannoo daangaa HIndiitti dhihoo jiru

Paakistaan geejiiba Baabuura Imaltootaa tokkitti kan Hindii waliin qabdu dhaabdee jirti. Kana amalees Muuvii ykn Sinimaan Hindii manneen Tiyaatra Paakisaatan keessatti akka hin agarsiifamne dhorkite.

Kunis Hindiin kutaa Kaashmir irratti tuttuqqaa seeraan alaa gaggeessaa jirti jechuun hariiroo biyyoota lameen gidduu laaffisaa yeroo jirtuutti kun dhaga’ame.

Kutaa musleemonni itti heddumaatan kan kutaa Himaliyaa kan ilaaleen mirgoota ammaan dura kennameefi ture mulqamuu isaa mummicha ministeera Hindiitu Wiixata darbee labsanii tura.

Biyyonni lameen kutaan Himaaliyaa tokko isa kaaniin na ilaallata jechuun falmu. Tarkaanfiin kun fudhatamuun immo biyyoota Nukleera qaban lamaan giddutti muddamsa kan uumee yoo ta’u ammaan duras dhimmi Kaashmir kan ilaaleen yeroo lama wal waraanuun isaanii ni yaadtama.

Robii kaleessaa hariiroo Diploomaasii fi kan Daldalaa Hindii waliin qabdu hanqisaa akka jirtu kan labsistee Paakistaan Komishinarri olaanaan kan Hindii biyya ishee keessaa akka ba’an Paakistaan ajajjee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG