Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaa fi Tarkiin Waliigaltee Tolfatan


Yunaaytid Isteets Tarkii waliin walii galtee haaraa tolfachuuf waadaa seenaa kan jirtu yoo ta’u kunis muddamiinsa jiru laaffisuun yaaddoo Tarkiin siriyaa gama kaabaa irra qabdu hanqiisa jedhamee jira.

Angawoonni Tarkii Amerikaan walii galteen duraan tolfame danqamaa akka ta’u goote jechuun himataa jiru.Angawoonni Tarkii fi Amerikaa walii galtee haaraa kana Robii kaleessaa ifa kan godhan yoo ta’u kunis magaalaa galma mootummaa Tarkii Ankaaraa keessatti guyyaa sadiif mariin eega gaggeffame booda.

Kunis biyyoonni lamaan giddu-gala ykn waaltaa tokkoTarkii keessatti akka banan, sana booda giddu-galli kun godiinni nageenyaa Siriyaa Kaaba bahaa keessatti akka ijaaru kan jedhu.

Angawoonni Tarkii Siriyaa Kaaba bahaa keessa looltonni kurdoota Siriyaa jiraachuu irraa yaaddoo qabu.

Ministriin ittisaa kan Amerikaa Robii galgala waa’ee walii galtee kanaa akka ibseeti tarkaanfii akkaan barbaachisaa ta’u fi hojii dabalataa hojjatamuu akka qabu hubachiise.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG