Xurree ittiin seenan

Breaking News

Suqileen Magaalaa Harar Keessaa Gubatan Deebisamanii Ijaaraman: Bulchaa Magaalaa Harar


Faayilii -Magaala Harar
Faayilii -Magaala Harar

Magaalaa Harar keessatti baatii tokko dura akka tasaa balaa ibiddaa dhaqqabeen suuqileen isaanii kan duraa gubate daldaltoonni magaalattii suuqileen sun deebisanii ijaaramanii hojii jalqabuu isaanii mootumaan naannoo beeksisee jira.

Daldaltoonni sun ittiin ka’umsaaf kan ta’uuf tokkoon tokkoon isaaniif qarshiin kummi 50 bifa liqaan qophaa’ee, garuu dhala waan qabuuf akka itti hin fayyadamne taaneerra jechuu dhaan miseensonni daldala musliimaa beeksdisaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira misooma magaalaa naannoo Hararii obbo Abdulhakiim AbdulMaliik VOAf akka ibsanitti balaa ibiddaa akka tasaa dhaqqabeen suuqilee manca’an 326 haaraa ijaaramuu beeksisan.

Musliimotaaf liqaan mijachuu kan dadhabameef waaltaaleen liqaa fi qusannaa akkaataan hojii isaanii waan hin eyamneef ta’uu kan ibsan obbo Abdul Haakiim kanneen miishaa huccuu ittiin hodhan duraa gubateef Liiz Mashiing” kan jedhu filmaanni ittiin meeshaa kana dhala malee bitatan mijachuu isaa ibsan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG