Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggoonni Laammiiwwan Eertraa Tajaajila Biyyoolessaaf Ergaman Komee Dhiyeessan: HRW


Dargaggoota Eertraa biyyaa baqatan, bara 2018
Dargaggoota Eertraa biyyaa baqatan, bara 2018

Ijoolleen huccuu waraanaa uffatn daangaa Iriyoophiyaa fi Eertraa irratti wal ga’anii jiran. Waggaa waggaatti ijoolleen barattoota kutaa 12ffaa kuma 10 ta’an leenjii dhaaf mooraa waraana Eertraa gama dhiyaa Saawwaa seenu.

Ijoollee hedduu dhaaf yeroon itti barnoota sadarkaa lammataa xumuran yeroo gammachuu ti. Garuu daraggoonni lammiiwwan Eertraa waggaa tokko mooraa waraanaa seenuu dhaan tajaajila biyyoolessaa yeroo dheeraa kan qaamaa sammuun dararamuun isaan eeggatuuf qophaa’u.

HRW gabaasa haaraa baaseen daraggoonni Eertraa waggaa xumura mana barnootaa isaanii magaalaa gammoojjii Sawaa keessatti dabarsan ibsee jira. Akka gabaasa sanaatti ijoolleen kun nu barsiisu utuu hin taane nu gabroomsu jechuu isaanii beeksisee jira.

Human rights watichitti qorattuu kan a’an Laetitia Bader VOAf akka ibsanitti ijoolleen kun akka waan abdii hin qabaanneetu itti dhaga’ama jedhan. Erga bara 2003 qabee waggaa waggaatti barattoota kuma 11-kuma 15 dta’antu mooraa Sawaa seenu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG