Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Moqaadishoo Keessaa Ka Dhiyeenyaa Dubartii Qaroon Hin Argineen Raawwatame


Ajjeechaa dhiyeenya kantiibaa magaalaa Moqaadishoo irratti raawwate kan raawwatte dubartii ka biroon kan geggeessamaa turte dubartii agartuun isee jamaa ta’e ta’uu mootummaan somaaliyaa beeksisee jira.

Mootummaan Somaaliyaa har’a ibsa baaseen dubartoonni lamaan qorannaa sirriin utuu irratti hin geggeessameen waajjira mootummaa magaalattii keessaa hojjetaa turan.

Dubartoonni lmaan kutaalee biyyattii to’annaa shororkeessotaa jala jiran keessa naanna’uu dhaan ji’a tokko keessatti walitti aansuu dhaan boqonnaa fudhatanii akka turan ibsi sun beeksiseera.

Al Shabaab baatii Adoolessa darbee haleellaa raawwatameef itti gaafatama fudhachuun ni yaadatama.

Kantiibaan magaalaa Moqaadishoo Abdurahimaan Usmaan dablatee angawoonni bulchiinsa isaanii kan keessa jiran namoonni saddeet dho’iinsa sanaan ajjeefamaniiru.

Kantiibaan magaalattii haleellaa sanaan balaan madaa’uu erga irra ga’e booda Qaataar keessatti wal’aanamaa erga turanii booda kamisa torban darbee du’aan boqotan.

VOA sagantaan Afaan Somaalee akka gabaasetti dubartoonni lamaan bulchiinsa magaalattii keessatti mindeeffamuuf jecha maqaa kijibaa gargaaraman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG