Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Ammas Nama Caalutu Hidhaa Jira’ Bakka Bu’aa Hawaasa Baqattoota Oromoo Afrikaa Kibbaa


Afrikaa Kibbaa
Afrikaa Kibbaa

Bakka bu’aan hawaasa baqattoota Oromoo ka Afriikaa Kibbaa lammileen Itiyoophiyaa torbee darbe magaala johaanesbergitti hidhaman ammaa to’annoo poolisii jela jiruu jechuun dubbatan. Nahwii Musaa akka jedhanitti, Hawaasi Baqattoota Oromoo Afriikaa Kibbaa jiru warri kun akka gadi lakkifmaniif abukaatoo dhaabee mormaafii jira jedhan. Baqattootni ammas haalli jiru sodaachisaadha jedhu.

Torbee dabre wal dhabbii humna naga kabachiistota mootummaa Afriikaa kibbaan ka to’annoo jela oolfaman lammilee itiyoophiyaa 650 ol tahuu jedha hawaasi baqattoota Oromoo Afriikaa Kibbaa. Nahwii Musaa dursaan hawaasa baqattootaa Sagalee Ameerikaaf akka himanitti warra hidhame kana keessaa amma nami caalu harka poolisii magaalaa Johaanisberg hidhaa keess jiraachuu dubbatan.

‘Mootummaan Biyyanaa “Meeshaa Sadarkaa Hin Gitne Gurgurtu” Jedhee Nu Saamaa Jira’: Baqattoota Afriikaa Kibbaa Jiraatan

Obbo Nahwiin qabeenya baqattoota ilaalchisee gaaffii gaafatamaniinis haga yoonaa baqattoonni hojii isaaniitti waan hin deebi’iniif qabeenya duraa bade kana jechuun hin danda’amu jechuun dubbatan. Ammas baqattoonni magaala Johaanesburg jiraatan ka yaada isaanii nuuf kennan haalli jiru ammaa sodaachisaa dha jechuun dubbatu. Moosisaa Gaaddisaa lammii Oromoo Johaanesburg ganna kudhaniif Johaanesburg jiraatedha.

Nahwii Musaa dursaan hawaasa baqattoota Oromoo Afriikaa Kibbaa jiraatan akka jedhanutti; hawaasi baqataa biyyas jiru lammileen biyyaa waraqaa eyyama hojii qaban akka yeroon lakkifaman taasiseera jedhan. Warra hidhaatti hafe ka galmee male biyya keessa seeraan ala jiraata turan jedhamanis murtee akka argatan yaaluutti jirraa jedhu.

Obbo Nahwiin himati lammilee Itiyoophiya kun harka mana murtee waan jiruuf yoomitti murtee akka argatan beekuun rakkisaadha jechuun dubbatan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:59 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG