Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Ertraa Haleellaan Irratti Gaggeeffame Biyya Ofitti Deebi’anii Jiru


Baatii Muddee darbee nama eenyummaan isaa hin beekamneen rasaasaan rukutamanii wal’ansa fayyaaf biyya Emereetoota Arabaa kan turan ministeeerri Albudaa fi Eneerjii Ertraa Jeneraal Sibhaat Efreem gara biyya ofiitti deebi’anii jiru.

Haleellaa gaggeeffame kan ilaaleen jalqabaa kaasee Twitarii irratti barreessaa kan turan Jaapaanti Ambaasaaddarri Ertraa Isxifaanos Afewoorq akka jedhanti Jeneraal Sibhaat wal’ansa Hakimaa milka’aa tae xumuruun maatii ofiitti debi’uu isaaniin gammadeera jedhan.

Mootummaan Ertraa haleellaa Jeneraal Sibhaat irra ga’ees ta’e wal’ansa godhameef kan ilaaleen ifatti waan jedhe hin qabu.

Jeneraal Sibhat irratti haleellaan gaggeeffame nama naannoo mana jireenya isaanii riphee tureen ta’u fi to’annaa jala ooluu isaa VOA..n gabaasee ture.

Jeneeraal Sibhaat waajiira Albudaa fi Eneerjii Ertraaf Ministeera ta’u isaanii dura waggootii 19f ministeera ittisaa keessa tajaajilaa turan.

Kana malees bulchaa ykn Kantibaa magaala Asmaraa akkasumas ministeera eegumsa fayyaa ta’uun hojjatanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG