Hong Kong keessatti uummanni kuma hedduun kanneen Demokraasii leellisan dirree xayyaara sadarka addunyaa kan Hongitti keessa hiriiruun balaliin xayyaraa akka dhaabtuuf dirqisiisaa jiru.
Dirree xayyaaraa sagantaa balalii hedduu qabaachuun beekamu kanatti hokkarri uumamee hin jiru.Garu hiriirtoonni gara balalii itti seenan guddicha irratti hanga walakeessa halkanitti hedduminaan seenanii jiru.
Wiixata har’a ganama daandileen Hong Kong irratti hiriirtoota dheessaa turan irratti polisoonni Gaaza himiimaansuu fi rasaasa plaastikikaan eega gargaaramanii booda hiriirtonni daandilee cufanii ajaja polisiin akka addaan faca’aniif kenne diidan.
Konaayaalee hedduu polisoonni gaaza imiimaansuun aarri aguugee keessatti namoonni hedduun mada’anii jiru.Dhohiinsii rasaasaas fi iyyii namootaa hanga galgalaatti dhaga’amaa ture jedhama.
Tola-olaan tajaajiila eegumsa fayyaa kennuuf ba’e tokko ija isaa keessa rasaasaan kan rukutamee yoo ta’u gaazexxeessonni immo mataa fi jilba miila isaanii irra reebaman.