Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaa Keessaa Kanneen Ehama Malee Hojiitti Bobba'an Qabamanii Jiru


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Torban darbe warshaa nyaataa Misiisiipii keessaa lammiwwan biyya alaa kanneen Amerikaa keessatti ituu hin galmaa’iin hojjatan dhibba hedduu qabuun sirrii dha jechuun angawaan nageenya biyya kan Amerikaa falmanii jiru.

Garu jedhan yeroon itti qabaman kun namtichii hidhatee El Paso Teksaas keessatti namoota Ispaanishii 22 ajjeesuu waliin hidhata hin qabu jedhan.

Kevin Mc Aleenan Televiziyoona NBCf akka ibsanti duula kanaan kanneen hidhaman 680 kaampaanii shan keessaa qabaman.Kanneen keessaa 200 galmee yakkaa waan qabaniif jecha gara biyya ofiitti ergamu. Vidiyoon Televiziyoona irratti dhiyaatan akka agarsiisanti ijoolleen warri isaanii hidhamuu ennaa argan bo’aa turan.

Kanas mana barumsaa kan isaan fudhuu ennaa dhaban Robii darbe baranii mann barumsaas cufame.Waa’een eegumsa ijoollee maatiin jalaa hidhamanii kun ilaalamuu akka qabu hubachiisan angawaan kun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG