Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaa fi Taalibaan Marii Isaanii Xumuran


Faayilii - Afgaanistan magaala Kaabuul
Faayilii - Afgaanistan magaala Kaabuul

Yunaaytid Isteetes fi Taalibaan marii marsaa 8ffaa gaggeessan xumuranii jiru.Mariin kun kanneen faallaa walii dhaabatan kana gam lameen giddutti wal waraansa Afgaanistaan keessatti waggootii 18f gaggeeffamaa ture xumursisuun akkasumas gareelee Afgaanistaan keessaa gidduutti marii nageenyaa jalqabsisuuf ta’a.

Mariin guyyaa sagaliif Qataar keessatti gaggeeffame kun barii Wiixata har’a xumuramuu dubbi himaan Taalibaan har’a ibsanii jiru.Guyyaa ayyaana Musleemootaa Eid Al- Adha Dilbata kaleessaa addunyaan kabajje sana illee walgahiin kun itti fufee jira.

Walgahiin kun yeroo dheeraa kan fudhatee fi bu’a qabeessa ture.Gam lameen tarkaanfii itti aanu maal akka ta’u mari’achuuf hogganoota ofii bira dhaquun mari’atu jedha ibsi ba’e.

Marii kana kan ilaaleen gad fageenyaan kan ibsame kan hin jirre yoo ta’u araar ta’an Amerikaa Zalmay Khalilzad hin dubbanne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG