Dirree Dhawaa keessatti weerarri dhukkuba haaraan Chikuun Guniyaa ka’uu waajjirri eegumsa fayyaa magaalattii beeksisee jira.
Dhibeen kun kana dura naannoo Affaarii fi Somaalee keessatti argamuun gabaasameera. Hanga yoonaa mallattoon dhibee kanaa kan irratti mul’ate namoonni 3756 argamuun beekaeera.
Dhibeen Chikuun Guniyaa jedhamuu fi dhibee Dangii jedhamu waliin wal fakkaatu Dirree Dhawaa keessatti mul’achuu isaa kan ibsan itti gaafatamaa waajjira eegumsa fayyaa Dr. Fu’aad Kadir yoo ta’an kunis kan beekame qorannaan dhiigaa Finfinneetti erga ergamee booda jedhan.
Namoonni dhibeen kun irratti argames keellaalee eegumsa fayyaa Dirre Dhawaatti wal’aansa argachuu isaanii Dr. Fo’aad ibsaniiru.
Dhibee kanaan hanga yoonaa namni du’e kan hin jiraanne ta’uu isaaf ittisuuf akkasumas waa’ee dhukkuba kanaa uummata hubachiisuu irratti fuuleffatamee hojiin dadammaqiinsaa bal’inaan geggeessamaa jira jedhan.