Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertraa Keessatti Balaa Helikooptara Mudateen Lubbuu Miseensoota Humna Qilleensaa Afur Darbe


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Ertraa gama dhiyaa bakka “INJUHAAY” jedhamtu keessatti Hagayya 5 bara 2019 Helikooptarri tokko kuftee namni 4 du’uun gabaafamee jira.

Balaa kanaan kanneen dhuman miseensoota humna qilleensa Eertraa ta’uu maddeen oduu kan mootummaa ibsanii jiru.

Giddu-galli leenjii looltootaa Saawwaa kan itti hundeeffame waggaa 25ffaa sababaa gochuun sirna kabajame irratti hirmaatanii deebi’aa utuu jiranii haalli qilleensaa jijjiramuu isaan helikooptarri kun gaarreen -ti rukutamtee kufuun ibsamee jira.

Sirni awwaala isaanii Hagayya 9 bara 2019 magaalaa Asmaraa keessa kan jiru bakka awwaalcha gootootaatti kan gaggeeffame yoo ta’u prezidaant Isaayyaas Afawarqii aangawoota sadarkaa olaanaa, waahilonni isaanii hojii fi maatiin argamanii jiru jechuun Biraanee Berihee gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG