WAASHINGITAN, DIISII —
Hong Koong keessatti kanneen dimokraasii leellisan dirree xayyaaraa sadarkaa addunyaatti guyyoota lamaaf hiriira waan itti fufaniif abbaan taayitaa balalii xayyaaraa Hong Kong balaliwwan gamasii ba’u dhaabee jira.
Murtin sun kan dhaga’ame erga abbaan taayitaa sun imaltoota imala irraa erga dhorkee fi hiriirtonnis imaltoonni keellaa dirree xayyaaraa sana akka hin seenne ugguranii booda. Angawoonnis uummati gara dirree xayyaaraa sana akka hin seenne akeekkachiisanii jiran.
Dirreen xayyaaraa sun erga xayyaaronni dhibbaan laka’aman sababaa mormitoonni keellaa sana keessa taa’uun mormii dhageessisniif dhaabatee deebisee banamee guyyaa tokko booda ammas rakkoon isa mudatee jira.