Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Taarifa Haaraa Chaayinaa Irra Keesse Hanga Tokko Yeroo Biraatti Dabarsite


Yunaayitid Isteetis meeshaalee Chaayinaa irraa galan hanga tokko irra kaa’amee kan ture dilaala dhibba irraa harka kudhanii kan Prezidaant Doonaald Traamp Fulbaana tokko akka jalqabamu ajajan yeroo isaa dheeressuu beeksiste.

Waajjirri bakka bu’aa daldalaa Yunaayitid Isteetis akka jedhetti hanga Muddee 15tti dilaalli komputera laap taappii, mobaayila harkaa, fi viidiyoo gaamee, kophee fi hucuu irra dilaalli akka hin kaa’amne ta’ee jira.

Haa ta’u malee taarifi haaraan kun amma iyyuu meeshaalee Chaayinaa dhaa galan hedduu irra kan ka’aman ta’uu waajjirri daldalaa Yunaayitid Isteetis beeksisee jira. Meeshaaleen dilaalli irra kaa’amu illee dhiyootti labsdamuuf jira.

Gabaa guddichi Yunaayitid Isteetis kan keessaa guyyoota hedduuf erga kasaaree booda gabaan NY keessaa dhibba irraa harka 1.6n dabalee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG