Hindiin dhiyeenya kana falmisiisaa kan ta’e murtii Jammu fi Kashmir irratti kennite nagaa kutaa Sanaa balaaf kan saaxilee dha jechuun mummichi ministeera Paakistaan Imran Khan har’a akeekkachisanii jiru.
Khan ibsa kana kan baasan ayaaneeffannaa guyyaa bilisummaa biyya isaanii irratti yoo ta’u Hindiin mirga ofiin of bulchuu kutaa Himaaliyaaf kennamee ture eega kaaftee torban tokko booda.
Mootummaan Hindii waraana dabalataa kuma kurna hedduu kan qubsiisee yoo ta’u namoonni Kaashmiir hokkara yoo babal’iisan qabaneessuuf jecha eeguumsa jabaa jala galchee jira. Uggurri ka’ame kun iddowwan kutaa Sanaa tokko tokko keessatti laaffataa akka jiru ibsamee jira.
Guyyaan bilisummaa carraa gammachuu guddaa ta’e ituu jiruu iyyata obboleeyyan keenya kan Kaashmirii kanneen Jammu fi Kashmir keessatti cunqursaa Hindii jala jiraniin gaddinee jirra jechuun dhaadatan Khan.