WAASHINGITAN, DIISII —
Meeteek ykn korporeeshiniin Eneerjii sibilaa keessatti itti aanaa hojii gaggeessaa kan turan Birgaadeer Jeneraal Haadguu Gabra Gorgis wabii qarshii kuma shantamaan akka hidhaa ba’an manni murtii Fedeeraalaa olaanaa ka Lidataa dhaddachii 10ffaan murteessee ture.
Abukaatoon mootummaa ol-iyyannaa dhiyeeffateen murtiin kenname kun akka lakkobsa Itiyoophiyaatti hanga Hagayya 13 bara 2011 hojii irra akka hin oolle ajajee jira manni murtii fedeeraalaa.