Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnootiin Nagaa Eegisisan Poolisiin Humnaan Gargaaramuun Seeraan Ala Jedhee Jira


Komishinarii mirga dhala namaa sadarkaa olaanaa kan Tokkummaa Mootummotaa Misheel Bachelet poliisiin Hong KONG tarkaanfii tooftaa dhorkamaa kan hiriirtoota mootummaa morman irratti gargaarame qoratamuu qaba jedhan jedha gabaasi Lisaa shelaayin Jenevaa irraa ergite.

Tokkummaa mootummootaatti itti gaafatamtuun dhimma mirga namaa Misheel Bachelet kan hammaataa adeeme hookkara Hong Kong keessaa fi to’annaa ala ta’aa jiru ilaalchisuun yaaddoo qabaachuu dubbatan.

Mormitoonni komee qaban karaa nagaa malee hookkara kaasuu ykn qabeenyaa mancaasuun ta’uu akka hin qabaanne waamicha dabarsaniiru.

Haa ta’u malee Bachelet angawoonni Hong Kong tooftaa hiika hin qabaanne kan namoonni mirga walabummaan yaada isaanii ibsachuuf wal ga’uu, kan lubbuu namaa galaafachuu malu irraa akka of qusatanis gaafataniiru.

Dubbi himaan Bachelet Rupert Cliville akka jedhanitti komiishinerri ol aanaan kan mirga namaa mala humnootiin naga eegumsaa gargaaraman kan balaa dhaqqabsiisuu fi dhorkaa ta’e hedduu yaaddessaa dha jedhan.

Humnootiin Nagaa Eegisisan Poolisiin Humnaan Gargaaramuun Seeraan Ala Jedhee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:44 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG