Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Sudaan Duraanii Vizaa Amerikaa Dhorkaman


Salah Abdalla Kaartuum keessatti gaafii fi deebii yeroo kennan, Adoolessa 10, 2013.
Salah Abdalla Kaartuum keessatti gaafii fi deebii yeroo kennan, Adoolessa 10, 2013.

Waajiirra tika nagaa fi tajaajiila nageenyaa kan Sudaaniif Daayreekteera waliigala angawaan turan Salah Abdallaa Mohammed Salih vizaa Amerikaa seensisuu akka hin arganneef Amerikaan uggurtee jirti.

Sababaan isaas dhittaa mirga namoomaa kan walii galaan gaggeeffame keessaa harka qabu himata jedhuun ta’uun ibsamee jira.

Uggura kana Robii kaleessaa kan labsee ministriin dantaa alaa Amerikaa akka jedhutti angawaan maqaa Salah Gosh jedhamuun beekamu bara aangoo irra tureetti dararaa geesisuu keessaa harka akka qabu ragaa qabatamaatu jira jedha.

Umriin isaa 63 kan ta’e Gosh aangoo isaa erga baatii Eblaa kaasee gadhiise.Kunis waraanni prezidaantii Sudaan duraanii Omar al Bashir aangoo irraa eega ari’ee booda.

Gosh humnootii nageenyaa waliin waggoota 40f hojjataa turan.Hiriirtoota al bashirii aangoo irraa akka bu’u dirqisiisan sana ajjeefamuu fi kakaasuu keessaa Gosh harka qaba himata jedhuuti irratti dhiyaate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG