Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Mootummaa Somaaliyaa Keessa Ta’anii Al Shabaabiif Hojjatan Adda Baafamuu Qabu: Prezidaantii Somaaliyaa


Faayilii - Bakka Al Shabaab adabbii namoota irratti yeroo fudhatuu ummanni bahee akka laalu godhutti milishaan isaanii dhabbatee yeroo eegu, Bulaa Marar, Somaaliyaa
Faayilii - Bakka Al Shabaab adabbii namoota irratti yeroo fudhatuu ummanni bahee akka laalu godhutti milishaan isaanii dhabbatee yeroo eegu, Bulaa Marar, Somaaliyaa

Balaa Bombii of-wareegaan Adooleessa 24 dhaqqabsiise bulchaa magaalaa Moqadishoo galaafachuun jeeqamsa sadarkaa adda addaa uumee jira jechuun hayyonni naga eegumsaa dubbatanii jiru.

Abdirahiman Omar Osman akn ajjeefame gargaartoota isaa keessaa tokko kan taate dubartii qaroon hin arginetu hojjattu dubartii taate ka biraa wajjiin balaa kan geesiste.

Dhugaan kun duutii Osman dhugaa fudhachuuf rakkisaa ta’e.Gareen hidhattoota al-shabaab ammas waajiira mootummaa Somaaliyaa keessaa ijoo kan ta’e kana keessa harka galfachuu isaa agarsiisa.

Mootummaan Somaaliyaa hidhattoota al-shabaab jilbeenfachisuuf jecha duulli waraanaa yeroo dheeraaf gaggeessaa ture miseensoota al-shabaab harka lafa jalaan dhaabattoota mootummaa adda addaa keessa seenaniin danqamaa jira.

Baatii Ebla waggaa kanaaa keessa aangawoonni mootummaa komishiinara magaalaa Mahaas kan somaaliyaa waaltaa keessaa hidhan.

Sababaan isaas Bombii ittiin of-wareegaan isaa itti aanaa isaa itti ajjeesan akka argataniif gargaare jedhameetu.

Namoota mootummaa keessa ta’anii al shabaabiif hojjatan adda baasuuf mootummaan karoora walii gala akka baasu prezidaantiin Somaaliyaa gaafatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG