Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaaynaan Hiriirtoota Hong Kong Akki Itti Keessumeesituu Hariiroo Daldalaa Amerikaa Waliin Qabduuf Ni Ilaalama : Prezidaant Traamp


Humnootiin nageenyaa kan Chaayinaa naannoo daangaa Hong Kong waliin qaban irratti shaakala ennaa gaggeessan mul’atanii jiran.

Kunis jedhan prezidaant Traamp walii galteen daldalaa Chaayinaa waliin qabnu dhimma jarreen Demokraasiif hiriiran kan Hong Kong itti keessumeessan waliin ilaalamuu waan qabuuf turuu qaba jedhan.

Kana malees Chaayinaa fi kanneen mormii dhageesisaa jiran gidduutti waliigalteen akka argamuuf maaguddummaan gidduu seenuun danda’aa yaada jedhu dhiyeessan Traamp.

Traamp Robii kaleessaa galgala Twitarii irratti akka barreessanti walii galtee daldalaa Amerikaa fi Chaayinaa giddu waraana ka’e xumursisuu kan ilaaleen bulchiinsii Amerikaan olaantummaa argatee jira jechuun of-jeejan.

Kaampaanileen kuma hedduun chaayinaa Chaayinaa keessaa ba’aa akka jiran kan ibsan Traamp Chaayinaan walii galtee irra ga’u qabdi jedhu.

Maraafuu mee dhimmi Hong Kong seeraan haa xumuran jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG