Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaan Kaabaa Ammas Yaalii Meeshaa Waraanaa Geggeessite


Kooriyaan kaabaa meeshaa waraanaa lafa gababaa gara andaara galaana ishee gama bahaatti ammas dhukaasuu ishee waraanni Koriyaa Kibbaa beeksisee jira.

Yaaliin Pyoongyang inni boodanaa aarii shaakala waraanaa Yunaayitid Isteeis fi Kooriyaa Kibbaa irraan kan ka’e.

Kooriyaan kaabaa har’a meeshaa waraanaa adda hin baafamin konyaa Gangwon kan biyyattii aaba gama bahaa irraa dhukaafamuu isaa ibsi waajjira hooggana waraanaa See’ool irraa ba’e beeksiseera.

Meeshaan waraanaa kun fageenya km 230 deemuu kan danda’u yoo ta’u asii ol km 30 ol fagaatee dhukaa’uu akka danda’u ibsa sana irraa hubatameera.

Kooriyaan Kaabaa baatilee sadan darban yeroo ja’a yaalii dhukaasaa geggeessite.

Gumiin naga eegumsa biyyoolessaa Kooriyaa Kibbaa har’a wal ga’ii hatattamaa ega geggeesseen booda, Kooriyaan Kaabaa yaalii dhukaasaa raawwattu akka dhaabdu ta’uu baannaan garuu gochi akkasii muddamsuun waraanaa akka hammaatu godha jechuun akeekkachiise.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG