Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waajjirri Barnoota Naannoo Amaaraa Barattoonni To’annaa Cimaa Jalatti Qormaata Fudhatan Jedhe


Magaala Bahiir Daat
Magaala Bahiir Daat

Qormaanni sadarkaa lammataa kan guutuu biyyaa ba’iin isaa maal afakkaata jedhamee utuu hin gamaaggamin kallattii adda addaan komee dhiyeessuun sirrii miti jechuu dhaan waajjirri barnootaa naannoo Amaaraa ibsee jira.

Wiirtulee qormaanni itti kanname kan naannoo Amaaraa 228 keessaa barattoonni kuma 92 ta’an to’annaa cimaa jalatti qormaata sana kan fudhatan yoo ta’u yeroo sanatti to’annaan godhame laafataa dha komeen jedhu hin dhiyaanne.

Ejensiin madaala barnootaa fi qorannaa biyyoolessaa hanga ammaatti naannoo Amaaraa ilaalchisee komeen nuu dhyaate hin jiru jedhe jechuu dhaan itti gaafatamaan waajjira barnootaa Dr. Yiliqaal Keffelee ibsaniiru jechuun Aster Misganaaw Baahirdaar irraa gabaasteetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG