Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koolu Galtoota Galaana Keessatti Dhuman Irraa Lubbun Kan Hafe Lammii Itiyphiyaati


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Guyyoota hanga tokko dura yabala xiqqoo keessatti reeffa namootaa waliin kan argame lammiin Itiyoopiyaa tokko koolu galtoonni isa waliin turan namoonni hanqina nyaataa fi biyaaniin dhumuu isaanii ibse. Kanneen du’an keessaa lamiiwwan Itiyoophiyaa jiraachuu illee dubbatee jira.

Kan umuriin isaa waggaa 38 Mohammed Adam Aaga yabala xiqqoo galaana Mediteraaniyaan irra tute tokko irraa hojjettoota baraarsaan kan argame Kibxata darbe ture.

Raayyaan waraana Maaltaa Mohammed yabala sana irra koolu gala ka biroo lubbuun darbe cina jilbeenfatee utuu jiru suraa agarsiisu erga raasee booda dhimmi isaa guyyoota hedduuf mata duree marii ta’ee ture.

Mohammed haala hamtuu keessa kan ture yoo ta’u erga hospitaala Maaltaatti geeffamee booda lubbuun ooluu danda’eera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG