Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubartoonni Lammiiwwan Sudaan Mootummaa Keessaa Bakka Bu’iinsa Ga’aa Hin Arganne Jedhan


Faayilii - Alaa Salah, dargaggeetti mormii Sudaan hogganuudhan tibba tokko interneetii irratti dubii ijoo taatee turte
Faayilii - Alaa Salah, dargaggeetti mormii Sudaan hogganuudhan tibba tokko interneetii irratti dubii ijoo taatee turte

Sudaan keessatti dubartoonni hojii irratti bobba’an hedduu dha. Tajaajila uummataa keessattis akkasuma baatilee xiqqoo darbe keessa mootummaan ce’umsaa haarofti akka hundeeffamu gochuu keessatti mormii geggeessame keessatti walakkaa dhaa ol dubartoota.

Baatii Ebla keessa mormiiwwan prezidaant Omar al-Bashiriin aangoo irraa darbe keessatis hirmaannaan isaanii ol aanaa dha. Haa ta’u malee hoogganoonni dubartootaa hdduun akka jedhanitti walii galtee siyaasaa keessaa ala baafamaniiru, taayitaa mana maree naannoo keessattis maqaan keenya ni dha’ama jedhanii hin abdatan.

Qabsaa’onni mirga dubartootaa mootummaa keessatti kootaa dhibba irraa harka 50 ykn 40 haa hargatan yoo jedhan yeroo ammaa kan jiran garuu dhibba irraa harka 30 qofa.

Dubartoonni biyyattii hedduun kanneen waraaqsa biyyattii hoogganuu keessatti hirmaanne jedhan, hanga bakka bu’ummaan sirrii ta’e kennamuufitti akka hin callisne dubbataa jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG