Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensi Mana Maree Ameerikaa Rashiidaa Taliib Eeyama Daawwannaa Israael Kennite Hin Simanne


Bakka buutuun mana maree Yunaayitid Isteetis Rashiidaa Taliib ministriin dhimma biyya keessaa Israa’el akka isaan akkawoo isaanii lammii Faalisxiin kan West Bank keessa jiraatabn daawwatan eeyameefii sa’aatilee hanga tokko booda murtii isaanii garagalchanii jidhan.

Ergaa Tweeterii har’a ganama maxxansaniin Taliib akka jedhanitti haala wan ani itti amanu kan loogii sanyiitti duuluu, hacuuccaa fi haqi jala’achuu fallaa dhaabatu kana keessatti akkawoo koo daawwachuuf gamas dhaquun hedduu na miidha jedhan.

Taliib ministeera dhimma biyya keessaa Israa’ii Aryeh Deriif xalayaa kaleessa barreessaniin akkawoo koo arguuf gaafachuun koo carraa isa dhumaa ta’uu mala uggura kaa’ame kan kabajaniif mormii faallaa Israa’el kan hin dhageessisne ta’uu ibsanii turan. Kana irratti oduu dhaa booda gabaasa qabna.

Israa’eel duraan dubartoota miseensoonni Kongreesaa ta’aan lama Rashidaa Tilaaib fi Ilaam Omaar biyya ishee akka hin seenne dhorkitee turte.Booda garu Rashidaa Tilaaib akkoo ishee umriin sagaltamaa Weest Baak seenuun akka argitu ehamameef. Miseensoonni kongreesaa lameen paartii Demokraatootaa irraa yoo ta’an akkaataa Israa’eel dhimmi Faliisxnootaa itti ilaalaa jirtu qeequun beekamu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:30 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG