Obbo Abdii Mohammad Umar har’a Abukaatoo isaanii malee waan dhiyaataiif jecha manni murtii maaliif akka ta’e akkasumas xalayaa ittiin mormatan akka barreeffamaan dhiyeeffatan ajajuun bellama ka biraa kennee jra.
Gma kaaniin galmee prezidaantii bulchiinsa naannoo Somaalee duraanii kana irratti kan himataman namoonni shan bakka isaan hin jirreetti dhimmi isaanii akka ilaalamuuf manni murtii olaanan kan Federaala dhaddachi 4ffaan murteessee jira.Namoonni kun ammaan dura Gaazexaan waamichii godhameefii hi dhiiyaatin hafan.
Himatamtoonni Kanneen biroon torba Gaazexaa irratti waamichi akka godhamuuf murtii kennamee jira.
Gama kaaniin mana hidhaa Qilinxoo gubachuu waliin wal qabatee balleessaa hojjatan kanneen jedhaman himatamtoota afur irratti murtii adbaa kennuuf bellamnii kennamuun gabaafamee jira.