WAASHINGITAN, DIISII —
Magaalaa Baahir Daar keessatti galmee Birgaadeer Jeneraal Tafarraa Maammoo faa irratti yeroon qorannaa dabalataan naaf haa kennamuu jechuun abbaan alangaa gaafachuun isaa sirrii miti jechuun abukaatoota dhimma himatamtootaa hordofan dubbatanii jiru.
Manni murtii olaanaan kan Baahir Daar fi naannoo ishee dhimmi galmee maqaa dhahamee irratti falmii har’a dhiyaatee dhaggeeffatee jira.
Dhuma irratti ol iyyannaa dhiyaate kana qoratee murtii kennuuf Hagayya 11 bara 2011 tti bellama kennuu isaa Asteer Misgaaneew gabaastee jirti.