Xurree ittiin seenan

Breaking News

Omaar Al Bashir Mana Murtii Duratti Dhiyaatan


Omaar Al Bashir harra yeroo mana murtiitti dhihaatan
Omaar Al Bashir harra yeroo mana murtiitti dhihaatan

Prezidaantiin Sudaan duraanii Omar Al-Bashir yakka malaamaltummaa irratti dhiyaateef yakka ilaalcha jalqabameef har’a mana murtii Kaartuum duratti dhiyaatanii jiran.

Baatii Ebla darbee dhuma irratti hogganoota waraanaan aangoo irraa kan darbaman Bashir seeraan ala maallaqa sharafa biyya alaa qabaachuun akkasumas karaa seeraan alaa kennaa fudhachuun himataman.

Bashir Doolaara miliyoona hedduu Saa’uudi Arabiyaa irraa fudhachuu isaanii qorattootati himan jechuun qorataan mana murtiif ibsan.

Umrii 75 kan qaban Bashir uffata aadaa isa Adii kan uffatan yoo ta’u kutaa tokko kan mana murtii keessaa deemsa dhaddachaa mana murtiichaa sana hordofan.

Gareen mirga dhala namaaf Amnestii Intarnaashinaal akka jedhutti yakka ilaalchii malaa maltummaa kana irratti gaggeeffamu kun himannaa yakkaa jajjabaa isa mana murtii yakka qoratu kan addunyaan itti gaafatamuuf jiru aguuguu hin qabu.

Manni murtii addunyaa Bashiriin yakka waraanaa gocha gara jabinaa dhala namaa irratti rawwachuun fi kutaa Daarfuur keessatti bara dheeraaf dugugamiinsa gosaa gaggeessun himateenii jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG