Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaa Fi Itiyoophiyaan Shororkeessummaatti Duuluuf Walii Galtee Wal Hubannoo Mallatteessan


Yunaayitid Isteetis fi Itiyoophiyaan odeeffannoo shorokeessota to’achuu ilaalchisee walii galtee wal hubannoo walii mallatteessanii jiran.

Gama Yunaayitid Isteetisiin kan mallatteessan itti aanaa Daayriktera FBI fi Daayriktera waalta qorannoo dhimma shororkeessummaa Charles H. Kable yoo ta’an gama Itiyoophiyaan immoo Daayrikteraol aanaa tajaajila tika nagaa biyyoolessaa fi tajaajila nageenyaa Demelash G/Mikaa’el turan.

Walii galteen sun biyyoonni lamaan gocha shororkeessummaa irraa of ittisuuf dandeettii qaban cimsuuf akkasumas odeeffannoo wal jijjiiruuf ulaagaa barbaachisu tochuuf jecha.

Walii galteen sun mootummoonni lamaan rakoo shorokeessummaa beeksisuu akkasumas nageenya biyyoota lamaanii jajjabeessuuf wal ta’iinsa jiru cimusuuf cicha qaban mul’isuuf jecha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG