Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Israa’el Tokko Naannoo Affaar Keessatti Duute


Kan umuriin waggaa 22 lammiin Israa’el Aayaa Naamiih sambata darbe naannoo qilleensi isaa ho’u Affaar Daloliin utuu daawwataa jirtuu garee waliin ture irraa adda baatee dhabamuun ishee erga beekamee guyyaa tokko booda duutee argamte.

Ayaan barattoota injineriingiif kan qoophaa’e leenjii baatii tokkoo irratti hirmaachuuf jecha gara Meqeleetti imalte. Leenjiin sun erga xumudramee booda lammiiwwan Isra’el ja’aa fi kan Itiyoophiyaa lama waliin Affaartti kan argamu hara volkaanoo Ert’alee fi naannoo daloliin daawachuuf gamasitti imalan.

Itti aanaa itti gaafatamaan waajjira aadaa fi tuurizimii naannoo Affaar obbo Ahmed Abdulqadir du’uu isheef sasbabaan ho’a hamaa naannoo sanaaf dheebuu ta’uu mala jechuu dhaan qorannaan Dr. erga xumramee booda ifa ta’a jedhan.

Raayyaa ittisa biyyaa dabalatee angawoonni naga eegumsaa barbaacha ishee irratti erga hirmaatanii booda reeffi ishee dilbata darbe argamuu obbo Ahimed ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG