Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabeenyaa Fi Lubbuu Badeef Angawoonnis Itti Gaafatamu: Aadde Mufriyaat Kamaal


Dura teessuu DEHIDEN fi ministriin nagaa , Aadde Mufriyaat Kaamil
Dura teessuu DEHIDEN fi ministriin nagaa , Aadde Mufriyaat Kaamil

Naanoo uummattoota kibbaa keessatti walitti bu’iinsa uumameen qabeenyaa bade fi dhiiga dhangala’e irraa angawaan naannoo harka hin qabaannee fi qulqulluu ta’e jiraachuu akka hin dandeenye dura teessuun DEHIDEN fi ministriin nagaa aadde Mufriyaat Kamiil ibsaniiru.

Dura teessuun kun kana kan dubbatan guyyoota ja’aaf walitti aansee magaalaa Hawaasaa keessatti geggeessamaa kan ture xumudra marii dhaabichaa irratti argamanii haasaa dhageessisaniin yoo ta’u hoogganni martinuu walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaannaa qabaateef ni gaafatama jedhan.

Dhaabichi keessa seena kan jedhame daddaaqama ejjennoo hoogganaa keessaa ba’ee qorannaa jiru bu’uura godhachuu dhaan uummata naannoo sanaa haqaan fayyadamaa gochuuf akka hojjetu illee beeksisaniiru.

Dhaabichi qoranaa kan geggeesse gaaffiin of ijaaruu naannoo ilaalchisee ka’e akkaataa inni itti geggeessame naannoo sanaa fi uummata naannoo sanaa gatii guddaa baasise jedhameera.

Dhaaba sana oolchuuf jecha hooggana jiru diiguu dhaan gumii hanga waamuutti haaromsi geggeessamuu kan danda’u ta’uu illee aadde Mufriyaat beeksisaniiru jedha Yonatan Zebdwoos Hawaasaa irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG