Somaaliyaa keessatti kan argamu gareen finxaaleyyii IS Itiyoophiyaa keessaa hordoftoota fo’achuu kan isa dandeessisu ergaa jihaadaa sagalee fi viidiyoo dhaan waraabame fi barreeffamaan dhiyaate raabsuuf akka jiru ibsameera.
Gareen ISIS duula isa haaraa dhaaf Itiyoophiyaa keessatti kan mul’atu walitti bu’iinsi gosaaf sabatiinsi dhabamuun haala mijataa akka uumeef Keeniyaa keessa kan maadheffate Daayrikterri waaltaa qorannaa Sahaan Maatew Braayden waahila keenya Afaan Somaaee Haruun Maruuf waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin ibsaniiru.
ISIS Somaaliyaa Ergaa Jihaadaa Afaan Amaaraan Dabarse
Viidiyoon sun garee ISn ball’inaan kan beekamuu fi yeroo hedduu kan dhaga’amu faaruu afaan Amaaraan kan itti faarfatame ture. Gareen kun ergaa dadammaqiinsa ka biroos afaan Amaaraan wal duraa duubaan kan baasu ta’uu beeksiseera.
Gareen IS Itiyoophiyaa seenee hidda babal’ifachuuf karoorsuu isaa fi sochii eegaluun isaa kan beekame marsariitiiwwan garee kanaa fi miidiyaaleen sirnaa kan garee ISIS viidiyoo daqiiqaa sadiin erga mirkaneessee booda.
WAASHINGITAN, DIISII —