WAASHINGITAN, DIISII —
Haala kana dura hin barataminiin kan safutti cichan ministeerri haajaa biyya keessaa Xaaliyaanii Matteeyoo Salviinii, sambata darbe doonii buufata Lampeduusaa jirtu irra kan turan ijoolleen maatii male qofaa deeman doonittii irraa akka bu’an eeyamaniiru.
Wiixata dheengaddaa immoo namoonni sagal kanneen wal’aansi fayyaa yeroo hatattamaa isaan barbaachisu irraa bu’aniiru. Haa ta’u malee koolu galtoonni bakka dhaqan dhabuu dhaan doonii tola ooltummaa Speen kan “Open Arms” jedhu irratti hafan 98.
![]()
Kolu galtoota murtii irra gahame dhagahanii gammachuu ibsachaa jiran, Hagayya 20, 2019. Dubbi himaan dhaaba baqattoota tokkummaa mootummootaa Andiree Maahiichii doonii guyyoota 18 dura imala jalqabde irra haalli jiru kan dhalli namaa dandammatuu danda’u miti jedhan.