Jeneraalli sadarkaa olaanaa kan Sudaan Abdel Fattah al-Burhan hogganaa kaawunsilii waraanaa fi sivilii ta’uun kakatanii aangoo qabatan. Kaawunsilin kun hanga filannoo itti aanuutti biyyatti gaggeessa.
Dhaabati oduu mootummaa sudaan Suunaa akka gabaaseetti Jeneraal Abdel Fattah al-Burhan sirna kakuu kana har’a kan rawwatan yoo ta’u miseensoonni kaawusilichaa kanneen biroon 11 akkasuma kakuu rawwatan.Mummicha ministeeraaf maqaa kan dhahaman Abdallaa Hamdok har’a galgala kakatuu jedhamee eegama.
Baatii Eebla darbee prezidaantiin sudaaniin waggoitii 30f bulchaa kan turan Al-Bashiir aangoo irraa eega kaafamanii boodamana marii waraanaa biyyatti gaggeessaa ture kan hogganan Burhan turan.
Kaawunsiliin inni haaraa kun hogganoota waraanaa fi mormiitonni mootummaan sivilii ijaaramuu qaba jechuun gaafataa turan giddutti walii galtee tolfameen aangoo qoddachuun biyya gaggeessuuf walii galan.
WAASHINGITAN, DIISII —