Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Dawwannaa Saganteeffame Haqan : Mummitti Ministeera Denmaark


Prezidaantiin yunaaytid Isteetes Donald Traamp daw’annaa Denmaarkti gaggeessuuf turan haquu isaaniin kan gaddanii fi ajaa’ibsiifatan ta’u mummittiin ministeera Denmaark ibsanii jiru.

Daw’annaa gaggeeffamuuf tureef qophiin gonuu itti fuufnee yeroo jirrutti kun dhaga’ame jechuun oduu gabaastotaaf kopen Hegan keessatti dubbatan.

Silaa kun michooma Amerikaa fi Denmaark gidduu jiru kan itti ayaaneeffannu ture jedhanii dhimma walii keenya ta’an hedduu irratti mari’achuuf eegaan ture jedhu.

Prezidaant Traamp garu Fulbaana 2 hanga 3tti daw’annaa karoorfamee ture Kibxata kaleessaa galgala yeroo haqanti Denmaark biyya baayyee adda taatee fi uummata gaarii qabdu jedhan jedhu.

Traamp garu mummittiin ministeera Denmark gurgurtaa lafa qabeenya Denmaark taate Green Land kan ilaaleen dubbachuu hin fedhu jechuun hoggantuun Denmaark dawwannaa kana haqan jedhanii turan.

Traamp Twitarii irratti akka barreessanti torban lama keessatti wal arguuf sagantaa qabnu yeroo biraattiin dabarsa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG