Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarri Nam-maleeyyiin Kan Amerikaa Yaman Keessatti Rukutamtee Kufte


(Suuraa faayilii)

MQ-9 kan jedhamtu Xayyaarri nam-maleeyyiin Amerikaa kun yaman irra balali’aa ituu jirtuu riphxee looltoota Huttiin haleelamtee kufuu angawaan yunaaytid Isteetes VOAf ibsanii jiru.

Jarreen Huttiin kan rukutamtee ta’uus Iraantu gargaare kan jedhan aangawaan kun eenyummaan isaanii akka iccitiin qabamu gaafatan.

Misaa’eela lafa irraa samiitti furguggufameen yaman kibba bahaa keessatti rukutame jedhan.

Xayyaarri nam-maleeyyiin kun rukutamtee kufuun yeroo Amerikaa fi Iraan giddutti muddamsii hamaataa jirutti ta’uun ibsamee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG